Surah Al-Infitaar — The Cleaving

Surah Al-Infitaar (The Cleaving) is chapter 82 of the Quran, with 19 verses. This page presents the Arabic text with a Oromo translation, verse by verse.

إِذَا ٱلسَّمَآءُ ٱنفَطَرَتۡ

Yeroo samiin dhodhoote

Ayah 1

وَإِذَا ٱلۡكَوَاكِبُ ٱنتَثَرَتۡ

Yeroo urjiiwwan harca'an

Ayah 2

وَإِذَا ٱلۡبِحَارُ فُجِّرَتۡ

Yeroo galaanonni walitti makaman

Ayah 3

وَإِذَا ٱلۡقُبُورُ بُعۡثِرَتۡ

Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte

Ayah 4

عَلِمَتۡ نَفۡسࣱ مَّا قَدَّمَتۡ وَأَخَّرَتۡ

(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti

Ayah 5

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡإِنسَٰنُ مَا غَرَّكَ بِرَبِّكَ ٱلۡكَرِيمِ

Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse

Ayah 6

ٱلَّذِي خَلَقَكَ فَسَوَّىٰكَ فَعَدَلَكَ

Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse

Ayah 7

فِيٓ أَيِّ صُورَةࣲ مَّا شَآءَ رَكَّبَكَ

Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)

Ayah 8

كَلَّا بَلۡ تُكَذِّبُونَ بِٱلدِّينِ

Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu

Ayah 9

وَإِنَّ عَلَيۡكُمۡ لَحَٰفِظِينَ

Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru

Ayah 10

كِرَامࣰ ا كَٰتِبِينَ

Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an

Ayah 11

يَعۡلَمُونَ مَا تَفۡعَلُونَ

Waan isin dalagdan ni beeku

Ayah 12

إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ لَفِي نَعِيمࣲ‏

Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu

Ayah 13

وَإِنَّ ٱلۡفُجَّارَ لَفِي جَحِيمࣲ‏

Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu

Ayah 14

يَصۡلَوۡنَهَا يَوۡمَ ٱلدِّينِ

Guyyaa murtii ishee seenu

Ayah 15

وَمَا هُمۡ عَنۡهَا بِغَآئِبِينَ

Isaan ishee irraa hin fagaatanu

Ayah 16

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ

Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise

Ayah 17

ثُمَّ مَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ

Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise

Ayah 18

يَوۡمَ لَا تَمۡلِكُ نَفۡسࣱ لِّنَفۡسࣲ شَيۡـࣰٔ اۖ وَٱلۡأَمۡرُ يَوۡمَئِذࣲ لِّلَّهِ

(Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti

Ayah 19